Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina addaa naannawwaa Finfinnee aanaa Sulultaa keessatti waraanni faashistii PP manneen namootaa gubuu fi qabeenya saamuu jabeessan 

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Bara dhufaa darbaa impaayerri uummata Oromoof yaaddoo ta’uun uummatichi keessatti ajjeefamaa, saamamaa fi ilmaan itti gabbaraa as ga’e, har’as dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo irratti ijaaruuf tiksitoonni impaayerichaa dararaa hammeessaa jiru.

Haaluma kanaan godina addaa naannawwaa Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gumbichuu keessaa Fiqaaduu Hordofaa, Tolchaa Hordofaa, Tolaa Damee fi Hordofaa Damee  namoota jedhaman jalaa waraana impaayerattiitiin manni fi qabeenyaan gubachuun kan dhagaa’ame yoo ta’u, nama Qorichoo Hordofaa jedhamu jalaa ammoo horii gaanfaa 12 fi obbo Shawuu Abdii jalaas horii gaanfaa 8 fudhatanii deemuun beekameera.

Oduma wal fakkaatuun aanuma Sulultaa ganda Wayizaroo jedhamu keessattis Eebila 26, 2023 waraanuma impaayerattiitiin Obbo Tashoomaa Dajanee, Qorichoo Tashoomaa, Hayyuu Zawudee, Bookii Dabalee, Abbuu Dajanee fi Zawudee Abdii jalaa manni, qabeenyaa guutuu waliin gubachuu maddeen Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version