Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina addaa naannawwaa Finfinnee aanaa Sulultaa keessatti hidhaa fi ajjeechaan waraana murna bilxiginnaan hammaatee jiraachuu jiraattotni dubbatu

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Bara dhufaa darbaa uummanni Oromoo roorroo ulfaataa arguun bakka jireenyaa dhabee sirni bulchiinsa impaayerattii aangoo isaanii  da’oo godhachuun ilmaan  Oromoo balleessaa fi qabeenya isaanii barbadeessaa dhufan bara murna bilxiginnaa hammeessanii jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 12, 2023 godina addaa naannawwaa Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Handaa Wezaroo bakka  Kaanteerii jedhamutti hojjetaa dhaabbata Midrok, hojii konkolaachisummaan opireetera ta’ee hojjetu nama maqaan isaa Habtaamuu Abbabee jedhamu waraanni  murna bilxiginnaa badii tokko malee rasaasaan rukutuun ajjeessan.

Habtaamuu erga rukutanii ajjeessaniin booda bishaan guddaa laga Mogor keessa buusuun reeffi isaas osoo hin argamin hafuu maddeen gabaasaniru

Dabalataanis aanuma Sulultaa keessatti namoonni maqaan isaanii Tolchaa Alamuu fi Galaanaa Shaaroo jedhaman waraana murna bilxiginnaan hidhamanii jiru. Galaanaan mooraa Kaanteritti, Tolchaan Alamuu ammoo Mooraa Sayyoo jedhamu keessatti hidhamee jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.ää

Exit mobile version