ONM-ABO Hagayya 4, 2025
Murni abbaa irree Bilxiginnaan yeroo garaa garaatti jaleewwan isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun hawaasa meesha maleeyyii irratti hidhaa, ajjeechaa, saamichaaf sarbamiinsa mirga namoomaa ulfaataa qaqqabsiisuu itti fuguun, godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu keessatti loltoonni sirnichaa Adoolessa 26, 2025 nama maqaan isaa Obbo Darajjee Dibaabaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya guutuu waliin ibiddaan barbadeessanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu himuun, maatiin isaa bakka bulan dhabanii bakkee keessatti roobaa fi aduun rakkachaa jiraachuu dubbatu.
Akkuma aanichaatti, maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun dararaan ilmaan Oromoo irratti lukkeelee Bilxiginnaan raawwatamu garmalee hammaachuun dabalataan ifoomeera.

