Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti waraanni gabroomfataan PP, manneen uummataa gubuu fi saamuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Gocha gara jabinaa uummata Oromoo irratti hojjechuu aadaa isaa godhatee kan hojjetu waraanni imphaayera Itoophiyaa, golee Oromiyaa cufa keessatti sababa tokko malee manneen uummata nagaa gubuu, saamuu fi gochoota suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti rawwatu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Adoolessa 15, 2024 Godina Lixa Shaggar Ona Meettaa Walqixxee ganda Meexxii Haroo jedhamu keessatti, humnoonni waraana faashistii PP namoota maqaan isaanii Obbo Balaachoo Kabbadaa fi Obbo Didhaa Urgee jedhaman jalaa mana jireenyaa diiguudhaan qabeenya mana isaanii keessaa guutummaan guutuutti konkolaataatti fe’atanii deemuu maddeen keenya itti dhiyoo ifoomsan.

Bifuma walfakkaatuun, aanichuma ganda Sandaaboo Boonayyaa jedhamuttis manneen obboleewwan lamaanii kanneen maqaan isaanii Obbo Warquu Badhaadhaa fi Dabalaa Badhaadhaa jedhaman sababa tokko malee barbadeessuudhaan qabeenya mana keessaa isaan qaban hunda guutummaa guutuutti jalaa fudhachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version