ONM-ABO Adoolessa 26, 2025
Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu keessatti loltoonni abbaa irree Bilxiginnaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Darajjee Dibaabaa jedhamu badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkuun qotiyyoo 1 kan qarshii 60,000 ol baasu jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Torbanuma darbe keessa, ganduma sana irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Mootii Gadaa jedhamu mana jireenyaa fi meeshaalee mana keessaa hunda waliin jalaa gubanii barbadeessuun dabalataan ibsamee jira.
Qonnaan bultoonni kunneen tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaalala guddaa akka qaban himuun, gochoonni wal fakkaatoon akkasii aanicha keessatti irra deddeebiin maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu fi uummanni qaama itti iyyatus dhabee rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.

