Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota irratti dararaa bifa garaa garaan hammeessuun dhaga’ame 

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warabboo jedhamu keessatti tiksitoonni impaayerattii Hagayya 31, 2025 qonnaan bultootatti maqaa adda addaa moggaasuun yakka diinummaa irratti raawwachaa turuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru 

Haaluma kanaan jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Araarsaa Urgee Gadaa jedhamu jalaa mana jireenyaa tokko qabeenya mana guutuu waliin gubanii barbadeessuun kaanis jalaa saamuu jiraattotni gandichaa dubbatu.

Akkasumas aanichuma ganda Warqee Waleensuu keessattis uummata nagaa jalaa qabeenyaa isaanii kan saaman oggaa ta’u, namoota kanneen keessaa kan maqaa arganne:

  1. Obbo Tolasaa Mul’isaa Dabalee jalaa horii gaanfaa 4, re’oota 4 fi harree 2 fudhatanii deemuun mooraa waraanaa naannichaatti galfataniiru.

Kana malees mucaa isaanii tokko 

  1. daa’ima ganna 10 kan maqaan isaa Shaashoo Tolasaa jedhamus 

horii kanneenii wajjin qabuun fuudhanii kan deeman yommuu ta’u, hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti eessa akka geessan hin baramin jiraachuus jiraattonni gandichaa dabaluun addeessaniiru.

Akkasumas, jiraataadhuma gandichaa kan ta’e namni maqaan isaa:

  1. Obbo Baqqalaa Atoomsaa Tolaa jedhamu 

yakka dalage tokko osoo hin qabaatin hidhattoota sirnichaan qabamee dararamaa kan ture yoo ta’u, innis yeroo ammaa kana eessa akka geeffame hin baramin jiraachuu jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version