ONM-ABO Adoolessa 31, 2025
Murni abbaa irree Bilxiginnaan dinagdeen impaayerattii bututtuu ta’uu yeroo baru, baraaruuf jecha gama isaaf danda’ame maraan ilmaan Oromoo mataa gadi qabaachisuuf gochaawwan gara jabinaa adda addaa raawwachaa jira.
Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu jedhamu keessatti loltoonni faashistii pp Adoolessa 28, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Darajjee Dibaabaa jedhamu jalaa mana jireenyaa meeshaalee mana keessaa hunda waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himaniitti, qonnaan bulaan kun tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu himuun, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii mana isaa kan jalaa barbadeessan ta’uu dubbatu.
Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan ajaja Koloneel Abiy Ahimediin hawaasa nagaa dararuuf bobbaafaman, jibbiinsa ilmaan Oromoof qaban irraa ka’uun nama hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa hin qabne irratti gochawwan akka: hidhaa, ajjeechaa, gubaatii manneenii, ukkaamsuun bakka buutee dhabamsiisuu, reebichaa fi saamicha ulfaataa geggeessaa jiraachuun dabalataan ibsamee jira.

