Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu irraa jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha, reebichaa fi hidhaa raawwaachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 8, 2025 

Aanaa Jalduu ganda Kooluu Galaan jedhamu irraa lukkeeleen faashistii PP Waxabajjii 30, 2025 badii tokko malee maqaa ”hidhata WBO qabdu” jedhuun qonnaan bultoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Dabalaa Dirribsaa fi 
  2. Obbo Bojaa Didhaa jedhaman jalaa mana gubuun, 

Obbo Dabalaa erga manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda jalaa gubanii barbadeessaniin booda, horii dallaa tokko guutuu jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanaadhuma kana, ganda Siibaa Osolee jedhamu irraa immoo, guyyaadhuma kana Waxabajjii 30, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa: 

  1. Obbo Guutamaa Baqqalaa jedhamu jalaa erga mana gubanii meeshaalee hunda waliin barbadeessaniin booda, horii dallaa tokko guutuu jalaa saamuun, 

ollaadhuma sanaa qonnaan bulaa maqaan isaa: 

  1. Obbo Tolasaa Abeetuu jedhamu jalaas horii dallaa tokko guutuu saamanii deemuun dabalataan ibsameera. 

Kana malees, guyyaadhuma kana ganduma Siibaa Osolee irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Qaxxalaa Abdiisaa jedhamu garmalee reebuun hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version