Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa mana qonnaan bulaa tokkoo irratti gubaatii raawwatan

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Aanaa Jalduu ganda Ilaala Baddeessaa jedhamu keessatti Waxabajjii 6, 2025 waraanni impaayerattii utubuuf dhama’an qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Dabalaa Fufaa jedhamu jalaa mana jireenyaa fi mana xiqqoo qullubbii diimaa kuntalaa 10 qabu wajjiin abiddaan gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Qonnaan bulaan kun badii qabeenyaa fi mana isaa jalaa gubsiisu kan hin qabne yoo ta’u, maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii kan jalaa gubanii fi akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti yeroo yeroon raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsamee jira.

Bilxiginnaan guutuu Oromiyaa keessatti dararaa raawwachuun yakkoota mana jireenyaa qonnaan bultootaa gubuu, lubbuu ol adeemtotaa baasuu fi namoota jumlaan hidhuun hiraarsuu irratti fuulleffatee gaaga’ama hamaa raawwachaa jira.

Exit mobile version