ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Uummata fayyaalessa hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan, namoota waa’ee siyaasaa fi siyaasni garuma itti garagalu hin beekne sirni dabaan ijaaramee fi gocha dabaa uummata Oromoo irratti dalagaa jiru PP’n qaama hidhatee isa lolu dheessuun qonnaan bultoota kanneen qe’ee isaa golgoleessuu irratti argama.
Uummanni Oromoo takkaa akka murna bilxiginnaa ani Oromoodha ofiin jedhee aangoo impaayerittii irra jiruu kanaa ta’ee kan hin beekne yoo ta’u, Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Kilbee jedhamu keessatti torbanoota lamaan loltootni sirnichaa bakkicha qubatee kaasee hanga har’aatti hidhaan, saamichi, gubaatiin manneenii fi ajjeechaan gandicha keessatti raawwatamu jabaatee itti fufee akka jiru dubbatu.
Erga waraanni faashistii PP ganda Kilbee kana qubatee kaasee guyyuma guyyaan hanga guyyaa har’aatti gubaatiin manneenii itti fufuun Obbo Fayyisaa Danda’aa jalaa mana lama (2) meeshaa manaa guutuu waliin, Muluu Galmeessaa jalaa mana tokko (1) meeshaa manaa guutuu waliin, Dabalaa Fayyisaa jalaa mana tokko (1) yoo guban, Birqee Baqqalaa ji’a tokkoo oliif mana hidhaa kan jirtu horiif midhaan ishiin qabdu cufa, Galaanee Kumsaa mana hidhaa kan jirtuu fi Badhoo Dasee jalaa midhaan, uffata, hoolotaa fi harree fudhataniiru.
Akkasumas, Araarsee Magarsaa jalaa midhaan mana guutuu fe’atanii reebicha irra ga’een hospitaalatti argamti. Gaaddisaa Dabalaa jalaa hoolota 12 fudhatanii mana kan caccabsan yoo ta’u, Dabaltuu Caalchisaa hidhaa akka jirtuu fi Baqqalaan Badhaasaa hidhaatti reebamaa akka jiru jiraataan kun dabaluun rakkoo uummatichi keessa jiru ibse.
Itti dabaluun akka jiraataan maqaan isaa rakkoo nageenyaaf jecha akka tuqamu hin feene kun jedhetti uummaticha lafa irraa balleessuu karoora jabaan kan itti xiyyeeffatan malee hawaasa nagaa akka kanatti dararuun isaanii seeruma uumamaa keessattillee kun cubbuu guddaadhas jedhaniiru.

