ONM-ABO Adoolessa 5, 2024
Adeemsa micciiramaa uummata Oromoo gadadootti hambisuu qabatanii socho’aa kan jiran waraanni garee maafi’aa PP Oromiyaa golee cufa keessatti hidhaa, saamicha, gubaatii fi ajjeechaa jumlaa raawwachuun ilmaan Oromoo manaaf qabeenyaa malee hambisuun gidiraa hamaaf saaxilaa jiru.
Boqonnaa argatee sabichi akka nagaan hin jiraanne gochuu irratti dirree diimoomiraasii dhiphisuun lolaaf kan bobba’an hidhattootni bilxiginnaa namoota nagaa homaa hin beekne akkasumas siyaasa keessaa qooda hin qabne ilmaan keessantu WBO keessa jira jechuun qabeenyi saamamuu fi gubachuun guyyaa irraa gara guyyaatti itti fufee jira.
Guyyaa kaleessaa Adoolessa 4, 2024 toora sa’a 3:00 irratti Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Yaayyaa Sakkooraa bakka addaa Madaanalamii jedhamu keessatti loltootni sirnichaa maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’ti jedhuun maatii Jaal Hin-Maquu jalaa mi’a mana keessaa wajjiin guutummaatti mana yoo guban, sangoota sadiis jalaa fudhachuun gara aanaatti qalachuuf fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akkasumas bakkuma sanaa nama nagaa Yaared Silashii jedhamu jalaas mana gubuun, horii lamaa fi re’oota 25 jalaa ooffachuu dabaluun ibsaniiru.
Namoonni manni isaanii jalaa gubachuun barbadaa’ee fi qabeenyi isaanii saamame kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan malee namoota siyaasa keessaa harka hin qabne yoo ta’an, nama umuriin isaa 18 ol darbetti gaafatama gochuun akka hiraarfaman himaniiru.

