Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti dargaggoon tokko ajjeefamuun manneenis gubate

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Uummanni Oromoo dachee seena qabeettii hundaaf firaa, kan rakkateef da’oo, kan beela’eef soortuu fi hunda galeetti taate Oromiyaa irratti lammii lammaffaa ta’ee ilmaan isaa ajjeefamuu, saamamuu fi hidhaan gidirfamuun hiree isaa ta’ee jira.

Kaleessa ganama Waxabajjii 30, 2023 naannoo sa’a tokko irratti godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Basii Bilidaa iddoo addaa Allaaboo  jedhamutti dargaggoon tokko yoo ajjeefamu, manni tokkos mi’a mana keessaa dabalatee gubachuun barbadaa’e.

Dargaggoon waraana abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin ajjeefame kunis maqaan isaa Hurrumaa Haayiluu yommuu  ta’u, Sha’uu Maaruu kan jedhamu ammoo manni isaa mi’a mana keessaa waliin jalaa gubachuun barbadaa’ee jira.

Namoonni miidhaman kunneen hirmaannaa siyaasa kamuu kan hin qabnee fi Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun akka ajjeefamanii fi manni jalaa gubates  ibsaniiru.

Ilmaan Oromoo ona Tolee keessatti sochii waraanni faashistii PP taasisee qe’ee isaa irratti ajjeesu, saamuu fi qabeenya isaa gubuun cinatti gareen Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon humna abbaa irree Abiy Ahimediin ijaaramanii jiranis hawaasatti yaaddoo ulfaataa ta’anii akka jiran dabaluun ONM’tiif ibsaniiru.

Exit mobile version