Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti namni nagaan tokko ajjeefamuun manni isaas yoo gubatu, namoota hedduu jalaas manneen gubate

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Waggoottan ja’an darbaniif uummata boqonnaa kan dhorkan murni bilxiginnaa fi hidhattootni isaanii lafa socho’an cufatti hawaasa nagaa hojii idilee isaa geggefatu maqaa WBO nyaachistee fi deggarta jedhuun naatoo tokko malee irbaata rasaasaa gochuun yoo ajjeesan, qabeenyaa inni qabus mana dabalatee jalaa gubuu fi saamicha irratti raawwachuun hiree maatii sanaa balaaf saaxilaa jiru.

Gochoonni kunneen uwwisa miidiyaa addunyaa fi dhaabbata mirgoota namoomaa jalaa dhokachuun kan raawwatamaa jiru yoo ta’u, sirni aangoo irra jirus afaan qawweetti amanuun akkasuma tuffii ilmaan Oromoof qabu ifatti mul’isuun qe’ee isaa irratti maal na godhuun akka barbaadetti gochaa dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa jiru.

Bitootessa 27, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Somboo fi Caancoo keessatti Mul’ataa Dabal kan jedhamu rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, mana isaas mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubuun barbaadeessaniiru.

Kana malees Ashuu Dhugumaa jalaa mana afur yoo guban, Shaambuu Tittoo jalaa ammoo mana lama mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattotni himan.

Kaayyoon hidhattoota murna bilxiginnaa inni ijoon dinagdee sabichaa fi namoota qaroo biyyaa ta’an irratti xiyyeeffachuun ajjeechaa fi gubaatii akka raawwachaa jiran jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Haa ta’u jedhamee ajjeechaa fi gubaatii manneen namootaa kana irratti kan raawwatan hidhattootni kunneen tuffii uummatichaa fi namoota biroo jiilchuuf karoora aanaa irraa baafamee ittiin hojjetamaa jiran ta’uu jiraattotni ibsuun, uummanni kunneen namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan malee yakka biroo hin qaban jechuun dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version