ONM-AB Ebla 20, 2024
Duula saamichaa jabaa qabatanii hojiitti kan jiran waraanni fi kaabinnoonni dhiiga uummataa xuuxuu baran torban kana kutaalee Oromiyaa iddoowwan adda addaatti saamicha midhanii fi maallaqaa raawwachaa jiru.
Saamichi irra deddeebiin keessatti raawwachaa kan jiru keessaa tokko Lixa Wallaggaa aanaa Begii yoo ta’u, gandoota aanichaa keessatti torban tokkoof walitti fufiinsaan hawaasni garmalee saamamaa jira.
Saamichi guyyaa kaleessaa raawwatame kunis ganda Eegoo Girmoosii keessatti yoo ta’u namoota saamaman keessaa kan maqaa arganne Masgabuu Alamuuuti. Obbo Masgabuun qabeenya dukkaana keessaa guutummaatti saamamuu maddeen himan.
Akkasumas Ebla 17, 2024 aanichuma ganda Xiilloo bakka Nooraa jedhamutti Musxafaa Abduljaliil Hamadee jalaa mana isaa fi mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii yoo barbadeessan, dukkaana isaa saamuu fi erga saamaniin boodas jalaa gubuu himan.
Obboleessa isaa Siraaj Abduljaliil Hamadee jalaas midhaan inni qabu mana keessaa erga saamanii booda manas jalaa gubuu dubbachuun gandichuma bakka addaa Ingiitii jedhamuu qonnaan bulaa maqaan isaa Takiluu Jarfuu jedhamu mi’a fi midhaan nyaataa guutuummaatti jalaa gubanii barbadeessuu jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

