Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sadan Canqaa keessatti milishoonni fi kaadiroonni Bilxiginnaa dararaa fi saamicha uummata irratti hammeessuun ibsame 

ONM-ABO Adoolessa 9, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa gandoota garaa garaa keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa maqaa gibiraa fi kaffaltii adda addaa sababeeffachuun saamicha ulfaataa ta’e bifa haaraan uummata irratti geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Saamichi bifa haaraan adeemsifamaa jiru gandoota aanichaa hedduu keessatti mul’achaa kan jiru oggaa ta’u, keessumaa gandoota akka Canqaa Buruurii, Igguu Kofalee, Dooganoo Buruurii, Dooganoo Adaamii, Deentaa Billee, Deentaa Cabal fi ganda Wacaa jedhaman keessatti maqaa kaffaltii gibiraa hin qulqulleessinee fi buusii miseensummaa akkasumas, kaffaltii naga’ee hin qabne kanneen biroo hedduu ta’an hawaasatti lakkaa’uun saamicha geggeessaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Gandoota aanichaa mara keessatti saamichi naga’ee seeraa hin qabne kun haala ulfaataa ta’een hawaasa irratti adeemsifamaa jiraachuu kan ibsan maddeen, keessumaa gandoota akka Deentaa Billee fi Deentaa Cabal jedhaman keessatti maqaa kaartaa fi pilaanii lafaa isiniif kennina jedhuun jiraattota irraa qarshii 500-1000’tti saamaa jiraachuu maddeen addeessaniiru.

Kunis saamichaaf dhimma itti bahaa kan jiran yoo ta’u, akkuma walii galaatti kan beekamu lafti kaartaa fi pilaaniin itti muramu qubsuma lafa magaalaa akka ta’ee fi kan amma ergamtoonni sirnichaa hawaasa baadiyyaa irratti geggeessaa jiran kun bifa saamichaa maqaa jijjiirrate ta’uun ni beekama.

Jireenya baadiyyaa keessatti uummatni lafa qonnaa fi oomisha biqiltuuwwanii ykn kanneen hundee qabeenya dhaabbataa ta’uun faayidaa argamsiisan kallattiin fuula tokko qofa irratti kan argaman osoo hin taane, bakkoota adda addaatti ciccitanii argaman kan qaban yoo ta’u, ergamtoonni kunneenis iddoowwan ooyiruun qonnaa fi lageen bunaa itti faffaca’anii jiran kanneen lakkaa’uun bakka tokko qofa irratti qarshii 500 fudhachuun galmeessisaa jiraachuun dhaga’amee jira.

Dabalataanis jiraataa gandichaa ta’ee namni akka qajeelfama seeraa fi dambiiwwan ittiin bulmaata keenyaan gadi buufameetti hin hogganamnee fi ajaja keenya kan hin fudhanne yaadaa fi ilaalcha akkasumas ergama qaama biroo waan of keessaa qabuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e irratti fudhachuu ni dandeenya jechuun hawaasatti dhaadachuu fi doorsisaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version