ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaalee garaa garaa keessatti kaabinoonni Bilxiginnaa ji’a Waxabajjii irraa eegaluun maqaa gibira mootummaa fi misooma magaalaa jedhuun uummata nagaa hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, aanaalee kanneen akka Gidaamii, Sadii Canqaa, Daallee Waabaraa fi Haroo Sabbuu akkasumas magaaloota biroo hedduu keessatti uummanni gibira humnaan olii gaafatamuu fi sababa qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee rakkoo hamtuu keessa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Eeruu jiraattota irra arganneen, wayita ammaa kaabinoonni fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun tokkoon tokkoon mana jiraattootaa irra deemuun maallaqa guuraa jiraachuu fi kanneen hin qabnu hojjennee kaffalla jedhan ammoo mana daldalaa isaan qaban cufuu fi qabanii hidhaatti darbataa jiraachuun ifoomeera.
Tibbana goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa gibiraan jaleewwan sirnichaa uummata nagaa irratti bifa haaraan saamicha jabeessuun kan beekamu yoo ta’u, kufaatii dinagdee hamaa gama maraan impaayerattii mudatee jiru irraan kan ka’e, maqaa garaa garaan naga’ee seeraa tokko malee jaleewwan Bilxiginnaaa afaan qawween uummata saamaa jiraachuun beekamaadha.

