ONM-ABO Muddee 7, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daalle Waabaraa Magaalaa Qaaqee keessatti Muddee 1, 2025 irraa eegalee kaabinoonni PP irra deddeebiin gibira bara 2019 akka impaayeraatti filannoon utuu hin gahin kaffaluu qabdu jechuun uummata dirqisiisaa jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himan.
Maqaa gibira jedhuun saamicha raawwataa jiran daran kan jabeessan kaabinoonni PP magaalaa Qaaqee ganda 01 fi 02 keessaa mana daldalaa mana baabuura miidhaanii fi duukkaanoota nama jalaa saamsaa jiraachuu akkasumas maqaa inshuraansii fayyaa kan milishaa fi ispoortii jechuun nama tokko irraa qarshii 3500 – 5000tti fuuchaa jiraachuu jiraattoonni ONM’tti himanii jiru.
Kufaatii diinagdee fi siyaasaa gama maraan impaayerattii mudate irraa baraaruuf halkanii fi guyyaa kan ifaajan ergamtonni faashistii Bilxiginnaa afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii irratti hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi gubaatii manneenii dabalatee, sarbamiinsa mirgoota namoomaa garaagaraa goleewwan Oromiyaa maratti raawwachaa jiran daran jabeessanii jiraachuun kan beekamuudha.

