Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii gandoota garaagaraa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa gibiraan saamicha raawwataa jiraachuuf namoota hidhaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Muddee 16, 2025 

Muddee 12, 2025 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii gandoota akka Soyii, Aboote, Burii, Kurii fi Baataa, Bejoo fi kanneen biroo keessatti kaabinoonni fi milishoonni PP wal ta’uun iddoo namoonni hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anitti dhaquun maqaa gibiraan saamicha raawwataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Akka maddeen jedhanitti gandoota eeraman kana keessatti waqxiin kun waqxii buna bu’aa yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen wayita namni gara lafa bunaatti yaa’uu daandii irra dhaabbachuun maqaa gibira jedhu da’eeffachuun nama tokko irraa qarshii 10,000 naga’ee seeraa tokko malee harkaa fuudhuu fi namoota hin qabne ammoo reebicha irratti raawwachuun hidhaatti kan darbatan ta’uu  dubbatu.

Oduu hidhaatiin ammoo ganda Soyii jedhamtu irraa barattuu Hawwii Kibbabuu jedhamtu sababa tokko malee quunnamtii WBO qabda jechuun loltoonni PP mana hidhaatti dararaa jiraachuun ifoomeera.

Lola WBO fi saboota ollaa biroon raafama keessa galuun akkasumas kufaatii dinagdee fi siyaasaa impaayerattii mudate irraa baraaruuf jecha lukkeeleen Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa maratti uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbeef dargaggoota dirqiin ukkaamsuun lola isaan hin ilaallannetti duulchisaa jiraachuun  kan beekamuudha.

Exit mobile version