ONM-ABO Ebla 2, 2025
Maqaa misooma magaalaa fi ijaarsa Koriidariin godina Lixa Wallaggaa aanaalee kanneen akka Innaangoo, Aayira, Gullisoo fi kanneen biroo keessatti diiggaan manneen jiraattotaa irratti haalaan jabaatee jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, kana malees aanaalee Qellem Wallaggaa, Haroo Sabbuu, Sadan Canqaa, Daallee Waabaraa fi kanneen biroo keessatti bifa haarawaan cimee itti fufee jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Diiggaan manneen jiraattotaa kunis kutaa magaalaa Shaggar Siitii keessatti gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa qaqqabsiisaa turuu kan dubbatan jiraattonni, tibbana immoo roorroo dabaree isaa eeggatee nu qaqqabe kanaan maal ta’inna laata jennee sodaa fi yaaddoo ulfaataa keessa jirra jechuun yaada isaanii itti dabaluun ibsaniiru.
Murni Bilxiginnaa ajandaalee diigumsaa qabatanii karaa ittiin uummata Oromoo dararan guyyuu baafatanii uummatatti gadi bahaa kan jiran yeroo ammaa kanas gamtokkoon manneen jiraattotaa maqaa misooma magaalaan diigaa, kallattii biraan ammoo baadiyyaa Oromiyaa keessa loltoota lafoo bobbaasuun manneen jiraattotaa maqaa isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun gubuun mancaasaa jiru.

