ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanalee akka Begii, Qondaalaa, Mana Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Lataa Sibuu, Najjoo, Baabboo Gambeel, Jaarsoo fi kanneen biroo keessatti misooma faarsaa farra hojii fi jireenya sabootaa fi sablammootaa kan ta’e murni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa tibbana maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoon bobbaafamanii rakkoo daangaa hin qabne geggeessaa jiraachuun ibsame.
Akka jiraattonni jedhanitti taateewwan hawaasaa irratti raawwatamaa jiru haalaan haamilee jiraattotaa jeeqaa akka jirus kan himan loltoonni maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuun bobbaafamaa jiran uummata ooyiruu isaa keessatti bobba’e dalagatu itti dhaquun dhiittaa mirgoota namoomaa taasisaa jirus jedhu.
Kunis saamicha daanga maleessa qarshii namoonni dhiyeessuu hin dandeenye gaafachuu, gaaffii haqaa malee qabanii hidhuun gidirsuu, maqaa obboleeyyan keessan miseensota Waraanaa Bilisummaa Oromootiin doorsisuu, jechoota qorqalbii namootaa cabsu sanyummaan arrabsuu fi ijibbaata ulfaataa keessa galchuun namnuu qe’ee gadhiisee akka baqatuu fi misooma isaa irratti bobba’ee akka hin dalaganneef dinagdee isaanii miidhaa akka jiranis dubbatu.
Walumaagalatti uummanni godina Lixa Wallaggaa yeroo ammaa ajjeechaa hgarmaleef saaxilamuun qe’een isaa gadda uffachuun halkanii fi guyyaa irbaata gaddaa nyaachuu, dhaloota barnootaaf bobbaasee qara ilaalaa hafuu, maanguddoonni fi daa’immanis reebicha loltoota sirnichaan miidhaa eessummeessaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

