Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti WBO waliin hariiroo qabdu maqaa jedhuun waraanni PP jiraattota hidhaatti funaanaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti WBO waliin hariiroo qabdu maqaa jedhuun waraanni PP jiraattota hidhaatti funaanaa jiraachuun dhagaa’ame
 
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Akkuma Oromoon “kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhane” jedhu sana waraanni PP waraana akka isaanii meeshaa baatee isaan lolu adda waraanaatti dhiisanii baqachuun uummata haala hadhooftuu keessatti jiruusaa mo’achuuf carraaqqatu qe’eetti deebi’anii WBO waliin hariiroo qabda jechuun  hidhaa, ajjeesaa fi hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, gochi waraana sirnichaan taasifamaa jiru kunis Oromiyaa goleewwan mara keessatti jabaachaa jiraachuutu himama.
 
Amajjii 8, 2023 irraa eegaluun hidhaan bifa haaraatiin aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti waraana PP’n eegalee jiraachuu jiraattotni kan dubbatan yoo ta’u, magaalattii keessatti gandoota akka  Oolankomee, Dachaa Haphalaa, Istaadiyeemii fi Daakkoo jedhaman keessaa qabamanii mana hidhaatti  darbatamaa jiru. .
 
Guyyuma  wal fakkaataa kanattis gandoota kana irraa namoonni 16 qabamanii waraana sirnichaan hidhamanii kan Jiran yoo ta’u, namoota hidhaman keessaa kanneen maqaan ammaaf nu qaqqabe Lammii Mokkonnon,  Biraanuu Beekan, Obbo Biraanuu Eebbaa, Barsiisaa  Fiqiruu Daannoo, obbo Abbabee Dhufeeraa, obbo Malaakuu Fiqaaduu fi obbo Beekamaa Tarrafuu kan jedhaman ta’uun barameera.

Exit mobile version