ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Loltoonni mootummaa gabroomfataa Itiyoophiyaa maqaa “nageenya impaayerattii eegsisuu” jedhuun bobbaafaman, faayidaa dhuunfaa isaanii fi of-jireessuuf jecha uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Noonnootti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa maqaa “WBO waliin hariiroo qabdu” jedhuun hidhuu jabeesse.
Aanaa Noonnoo ganda Dikoo Shuumoo jedhamu irraa Hagayya 20, 2024 nama maqaan isaa Qalbii Magarsaa jedhamu hirmaannaa siyaasa kamiiyyuu kan hin qabne “WBO waliin hariiroo qabda” jechuun yakkanii waraanni sirnichaa qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanaa Noonnoo keessatti uummatni Oromoo finxaaleeyyii Amaaraa fi waraana faashistii PP’n dararaa jabaa argaa jiraachuun ni beekama.

