Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Midaaqanyiitti loltoonni PP dargaggoo tokko reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhaatti darbatan

ONM-ABO Hagayya 30, 2024

Waraanni garboomfataan PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo maqaa garaa garaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkee dararuu hammeessee jira.

Haaluma kanaan, Godina Lixa Shaggar aanaa Midaaqanyiitti loltoonni bilxiginnaa dargaggoo Oromoo tokko reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii mana hidhaa keessatti dararaa argaa jira.

Aanaa Midaaqanyii ganda Gambeellaa jedhamu irraa  Hagayya 27, 2024 dargaggoo maqaan isaa Abdii Dachaasaa jedhamu kan umuriin isaa 17 ta’e “WBO waliin hidhata qabda” jechuun garmalee reebanii lafarra harkisuun dhiiga isaa akka bishaaniitti dhangalaasaa fi harka isaa gara duubaatti hidhanii fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanaa Miidaaqeny keessatti hidhattootni Bilxiginnaa dararaa, ajjeechaa fi saamicha hawaasa nagaa irratti raawwataniin uummatni hanga qe’ee irraa godaanuutti ga’uu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version