ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025
Jaleewwan murna PP Waxabajjii 2, 2025 aanaa Booraa ganda Jirimee Booraatti barataa maqaan isaa Gammachuu Bulbulaa jedhamu dargaggoo ganna 20 kan ta’e maqaa obboleessa keetu miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun ajjeesanii oggaa gatan, obboleessa isaa Badhaasoo Bulbulaa jedhamu dabalatee namoota biroo 6 kan maqaan yeroof hin beekamin waliin hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsame.
Dargaggoon ajjeefame kunis magaalaa taa’ee barnoota irra akka jiru kan himan jiraattonni, guyyaa sana ammoo maatii isaa dubbisuuf gara baadiyyaa deemaa osoo jiruu shiftoonni sirnichaa kunneen rasaasaan waaduun kan galaafatan oggaa ta’u, erga ajjeesaniin booda namoota reeffa isaa kaasanii awwaaluu deemaa turan irratti reebicha raawwachuun hidhaatti akka darbatan dabalataan ibsanii jiru.
Lubbuu namoota nagaa obbaasuu fi dhiiga qulqulluu dhangaasuun araada isaanii kan ta’e ergamtoonni Abiy Ahimed kan garaa isaanii qofa guuttachuuf qe’ee uummataatti bobba’an guyyuu hidhaa, saamicha, ajjeechaa suukkanneessaa fi dararaa garaa garaa uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru.

