Baha Shaggar Aanaa Booraa keessatti waraanni goolessaan PP dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, uummata irrattis reebicha raawwachuun mana hidhaatti dararaa jiraachuun dhaga’ame.
PPn Waxabajjii 2, 2025 aanaa Booraa ganda Jirimee Booraatti barataa maqaan isaa Gammachuu Bulbulaa jedhamu dargaggoo ganna 20 kan ta’e sababa obboleessa keetu miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun ajjeesanii gatan. Obboleessa isaa Badhaasoo Bulbulaa jedhamus ilmaan Oromoo biroo 6 waliin hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM-ABO ibsanii jiru.
Barataan ajjeefame kun maatii isaa dubbisuuf gara baadiyyaa osoo deemaa jiru loltuun PP rasaasaa itti roobsuun akka ajjeesan fi erga ajjeesaniin booda namoota reeffa isaa kaasanii awwaaluu deemaa turan irratti reebicha raawwachuun hidhaatti akka darbatan maddeen ibsaniiru.
PPn lubbuu ilmaan Oromoo galaafachaa, akka mootummaa Oromootti of ibsaa, Oromoo irratti diina horaa jirtu kun barattooa, dargaggoota, jaarsa, jaartii, gaheessa osoo hin jenne dhiiga qulqulluu dhangaasuu hojii isaanii guyyuu godhatanii jiru. Kanaaf, Oromoon; gidiraa, hidhaa, saamicha, ajjeechaa suukkanneessaa irratti gaggeeffamaa jiru of-iraa kaasuuf wal-ijaaree sosso’uun alatti filmaata biraa hin qabu.
Injifannoo Ummata Oromoof!

