ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Baattotni kaayyoo Milinik ergamtoonni sirna nama nyaataa bilxiqinnaa guyyaadhaa gara guyyaatti dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasuu, hidhaatti galchanii dararuu fi saamicha qabeenya ilmaan Oromoo irratti raawwachuu hojii idilee isaanii godhatanii jiru.
Haaluma kanaan Guraandhala 25, 2024 godina Qellem wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii iddoo addaa Daammaa jedhamu keessatti waraanni pp namoota 4 qabuun mooraa waraana bilxiqinnaa magaalaa Seertumii keessatti guyyoota lamaaf erga hidhaan dararaa turanii booda dargaggoo maqaan isaa Lammaa Geetaachoo jedhamu Guraandha 27, 2024, galgala mooraadhuma inni itti hidhamee jiru keessatti rasaasa 2n rukutuun ajjeesan.
Achuma magaalaa Seertumii keessaa dargaggoo maqaan isaa Amaanee Malaakuu jedhamu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamta jedhu itti maxxansuun torban lamaa oliif mana hidhaa galchuun reebicha ulfaataa irratti raawwachaa erga turaniin booda guyyaa dheengaddaa mana hidhaatti baasuun achi buutee dhabamsiisuunii fi maatiin hanga yoonaatti eessa akka isaan buusan dhabuun gadda guddaa keessa galanii jiraachuu maddeen gabaasan.
Onuma Anfilloo ganda Yaarer keessatti nama maqaan isaa Ifaa Mazgabuu jedhamu abbaa daa’ima tokkoo kan ta’e bunaa fi qabeenya dukkaanaa guutuu jalaa fe’echuun qarshiis erga jala fudhatanii booda kaleessa Guraandhala 27 halkan keessaa toora sa’a 6:30tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen ONMtti himaniiru.

