Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo sadii godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii keessatti rukutuun madeessan

ONM-ABO Adoolessa 8, 2023

Dheengadda Adoolessa 6, 2023 waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii naannoo Ukkii jedhamee beekamutti badii tokko malee ilmaan Oromoo sadii rasaasaan rukutuun madeessanii jiru.

Dargaggootni sadan yakka tokko malee Oromummaa isaaniif qofa rasaasaan rukutaman maqaan isaanii Bizireel Yaa’iqoob, Roobaa Solomoonii fi Dinqaa Bultum akka ta’e barameera.

Waraanni faashistii guyyuma sana ganama haleellaa mooraa isaanii irratti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon fudhatameen booda dargaggoota kanaan isintu fide nu rukuchiise jechuun namoota siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne rasaasaan madeessanii jiraachuun hawaasicha gaddisiiseera.

Dargaggoota rukutaman keessaa 2 achuma magaalaa Seertumiitti yaalamaa kan jiran yoo ta’u, namni tokko yaala olaanaaf Kamisuma sana gara hospitaala Dambii Doollootti darbuun isaa barameera.

Exit mobile version