Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti dargaggoota qabanii hidhuu jabeessan

ONM-ABO Adoolessa 24, 2023

Murni faashistii PP waraana isaa namoota nagaatti bobbaasuun hidhuu, ajjeesuu fi saamuu tooftaa waraanaa godhachuun uummata nagaa ittiin dararuu hammeessee jira.

Haala kanaanis torbee darbe keessa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii irraa dargaggoota 6 qabuun erga of bira tursiisaniin booda Kamisa darbe Adoolessa 20, 2023 dargaggoo tokko erga keessaa ajjeesanii dargaggoota 2 gara mana hidhaa aanichaa magaalaa Muggiitti dabarsuun sadii eessa akka geessan hin baramin jira.

Dargaggootni badii tokko malee magaalaa Seertumiitti qabamanii dararamuun gara waajjira poolisii aanaa Anfillootti dabarfaman maqaan isaanii Nuuree Mahaammadii fi Isqeel Balaachoo yoo ta’an, kanneen achi buutee dhabamsiifaman Seenaa Milkiyaas, Yoofeetee Daawwitii fi Dassaaleny Tamasgeen ta’uun barameera.

Waraanni faashistii PP aanaa Anfilloo qubsiifaman magaalaa Muggii keessatti ganda Yaarerii fi magaalaa Seertumii keessatti ajjeechaa raawwachuun uummatatti yaaddoo ta’anii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version