ONM-ABO Hagayya 18, 2023
Waraanni naamusaa fi sansakkaa waraanummaa osoo hin qabaatin sirnicha qofa akka tiksaniif uummatatti bobbaafaman bakka deeman cufatti uummatas miidhaa uummata durattis wal loluun nageenya booressaa oolu.
Dheengadda Hagayya 16, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii ganda 01 naannoo gamoo Abbaa Kulee fi ganda 02 naannoo Teeleetti raayyaan ittisa impaayerattii fi poolisootni idilee wal loluun, raayyaan ittisa impaayerattii poolisoota idilee reebuu maddeen himan.
Poolisootni idilee reebaman kun kanneen kanaan dura humna addaa Oromiyaa turan yoo ta’u, erga kaballaa fi dhiitichi akkasumas duuba qawween rukutamaniin booda wal qindeessanii dubbii kaasuun, hanga gabaasni kun qindaa’etti wal gaarreffatanii jiraachuun barameera.
Oduuma aanaa Anfilloo magaalaa Muggiin wal qabateen Waraanni Bilisummaa Oromoo torbee darbe mana kee bira darbanii nutti dhukaasan jechuun obbo Addisuu Kabbadee jedhamu, waltajjii hawaasni taa’e keessaa Kibxata Hagayya 15, 2023 duubatti hambisuun hidhanii jiru.
Kun kanaan osoo jiruu, murni waraana isaa uummatatti bobbaasee hawaasa dararaa jiru, rakkoo uummataa furuu irra loltoota isaa dabalataan gadi fee’uu itti fufee jira.
Kaleessa Hagayya 17, 2023 waraanni faashistii Abiy Ahimed konkolaataan 21 Finfinnee irraa ka’uun Buraayyuu qaxxaamurtee gara lixaa fi gidduu Oromiyaatti kan bobboofaman yoo ta’u, humni walakkaan magaalaa Holotaa ga’ee akka maqe maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

