ONM-ABO Hagayya 12, 2023
Raayyaan ittisa impaayerattii impaayera Minilik tiksuu fi Abiy Ahimediin aangoo irra bubbulchuuf leenjii fudhatanii bobbaafaman adeemsi Abiy Ahimed ittiin uummata fixaa jiru sirrii akka hin taane hubachuu fi kaayyoo isaa mormuun ilmaan Oromoo sirnicha keessa jiran badaa jiru.
Haaluma kanaan kaleessa Hagayya 11, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo naannoo lolli guyyaa dheengaddaa Hagayya 10, 2023 itti geggeeffame ganda Yaarer irraa loltootni pp 4 qawwee fi hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamanii jiru.
Ilmaan Oromoo miseensota waraana bilxiginnaa turan kun qawwee AKM Turkii 2, dachaatuu 2, rasaasa 765 fi hidhannoo 4 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.
Miseensota waraana bilxiginnaa kanaaf simannaa hoo’aa taasisuufiin, warreen hafanis faana isaanii hordofuun akka qabsoo saba isaanii ABO WBO’n geggeeffamaa jirutti dabalamaniifis dhaamsi taasifameeraaf.

