Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo fi bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo irraa WBOtti harka kennatan 

ONM-ABO Waxabajji 20, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo ittiin cabsee impaayerattii keessa tursiisuuf dargaggoota Oromoo humnaa fi goyyoomsaan qabee leenjii waraanummaa kennuufiin godaannisa seenaa saba isaanii irratti akka hojjetaniif bobbaasus, ilmaan Oromoo kunneen karoora dabaa fi cubbuu Abiy Ahimed qabatee socho’aa jiru irratti dammaquun mooraa sirnichaa gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Akka kanaanis kaleessa Waxabajji 19, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxginnaa magaalaa Seertumii irraa qawwee dachaatuu 2, rasaasa 300 fi hidhannoo 2 waliin WBO bira ga’anii jiru.

Kana malees dheengadda Waxabajji 18 godinichuma bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo keessaa miseensotni 4 qawwee AKM Turkey 2, dachaatuu 2, rasaasa  600, boombii 2 fi hidhannoo 4 qabachuun sirnicha gananii WBOtti makamanii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa duraanii kun gocha badii sirnicha utubuuf hojjennetti saba keenya dhiifama gaafachuun, kanaan booda lubbuu keenya kaffallee saba keenyaaf ni qabsoofna jechuun ejjennoo isaanii kan ibsan yoo ta’u, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanis hatattamaan qabsoo saba isaaniitti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version