Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi Qellem Wallaggaa Anfilloo keessatti loltoonni Abiy Ahimed ajjeechaa wal irratti raawwachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Dhiigni qulqulluun isaan guyyaa guyyaan akka malee dhangalaasaa oolan samii fi dachee irratti iyyatee deebii argachuun, ergamtoonni sirna nama nyaataa PP sababoota garaa garaan rakkoowwan gidduu isaaniitti uumamuun walitti deebi’anii tarkaanfii wal irratti fudhachaa fi bakka sakattaa ba’anitti hojicha jibbuun walitti dhukaasaa jiru. 

Haaluma kanaan, bulchiinsa magaalaa Naqamtee mooraa waraana Bilxiginnaa Wugaagen jedhamu keessaa Amajjii 17, 2025 loltoonni raayyaa ittisa impaayerattii faayidaa dhuunfaa irratti wal dhabuun, miseensi tokko waahiluma isaatiin rasaasa saddeetiin (8) ajjeefamee jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduma wal fakkaatuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti kaleessa Amajjii 22, 2025 ganama waraanni faashistii PP sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoof ganda Yattii Goomiitti bobba’an bakka Qoor jedhamutti walitti dhufanii wal rukutuu fi wal madeessanii jiru. 

Reeffaa fi madoo isaaniis guyyuma kaleessaa milishaa fi raayyaan ittisa impaayerattii baatanii gara magaalaa aanichaa Muggiitti kan geessan yoo ta’u, sababni walitti dhukaasuu isaaniis loltootni Bilxiginnaa hojicha nuffuu fi milishootaan wal  dhabuun akka walitti dhukaasanii wal irraa ajjeesan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version