ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Dhiigni qulqulluun ilmaan Oromoo akka malee guyyuun dhangala’aa oolu samii fi dachee irratti iyyatee hoggaa deebii argatu, loltoonni sirna nama nyaataa PP sababoota garaa garaan rakkoowwan gidduu isaaniitti uumamuun walitti deebi’anii tarkaanfii wal irratti fudhachaa jiraniin gumaan dhiiga ilmaan Oromoo dachaan ba’uu itti fufee jira.
Aanaa Gidaamii mooraa waraana Bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Qellem keessatti argamu irraa Amajjii 7, 2025 miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii sabaan wal qooduun toora halkanii dhukaasa walitti bananiin namni 2 battalatti yoo du’u, 3 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabamanii kan jiran ta’uu maddeen keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Taateen akkanaa kun godinichatti irraa deddeebiin raawwatamaa kan jiru ta’uu yeroo addaa addaatti isiniif gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.

