Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti loltoonni PP walitti dhukaasuun wal ajjeesan

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Giraayii Sonkaa jedhamu keessatti Muddee 25, 2024 toora halkanii dhukaasa loltoonni bilxiginnaa sabaan wal qooduun mooraa keessatti wal irratti raawwataniin miseensi waraana bilxiginnaa sabaan  Oromoo ta’e tokko miseensa sabaan Amaara ta’e tokko battalatti ajjeesuun mooraa bilxiginnaa keessaa qawwee isaa fudhatee miliqee jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, tarkaanfiin kun kan raawwate mooraa waraana bilxiginnaa ganda Giraayii Sonkaa keessaa FTC jedhamuun beekamu keessatti ta’uu himuun, loltoonni bilxiginnaa mooricha keessatti hafanis miseensi miliqe kun “WBO fidee nu rukuchiisa” jedhanii shororkaa’uun halkanuma sana mooricha gadi lakkisanii buqqa’uu itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Jibbiinsi sanyummaa mooraa bilxiginnaatti jabaatee itti fufuun, godinuma kana aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Seertumii keessattis Muddee 23, 2024 walitti dhukaasuun nama 2 wal irraa ajjeesuun, 3 ammoo madeessuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version