ONM-ABO Muddee 26, 2024
Jibbiinsa sanyummaa mooraa Bilxiginnaa keessatti dagaagaa jiruun, ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti tarkaanfiiwwan garaa garaa wal irratti fudhachaa jiru.
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Walqixxummaa Bakkareeree jedhamutti argamu keessaa Muddee 20,2024 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf fakkaattotuma isaatiin ajjeechaa suukkanneessaan irratti raawwatamee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, miseensi waraana PP kun sabboonaa ilma Oromoo quuqama saba isaa qabu ta’uu himuun, innis guyyuma kana ajjeechaa maanguddoo Obbo Caalii Mirreessaa jedhamu irratti raawwatee fi kan yeroo darbe isiniif gabaasnee turreen walqabatee, “hawaasa meesha maleessa maaliif ajjeestu” jechuun yeroo gaafatutti; fakkaattonni isaa ammoo “ati diina” jechuun isuma boolla qoochisiisuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii awwaaluu dubbatu.
Oduuma wal fakkaatuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Seertumii keessatti waraanni faashistii PP Muddee 23, 2024 galgala walitti dhukaasuun lama yoo wal irraa ajjeesan 3 madaa’uun buufata fayyaa Muggiitti geeffamanii yaalamaa jiraachuun ifoomeera.
Maddi walitti bu’iinsa isaaniis jibbiinsa sabummaa Oromoo fi Amaaraa gidduutti ta’een akka ta’e barameera.

