ONM-ABO Amajjii 12, 2025
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee kutaa bulchiinsa Bakkaniisa Qaseetti Itti Gaafatamaa Dhimma Nageenyaa kan ta’e Mulaatuu nama jedhamu Amajjii 8, 2025 wal dhibdee keessoo isaaniitti uumameen waahilli isaa Komaander Darajjee namni jedhamu reebicha ulfaataa qaama laalessu irraan gahuun yeroo ammaa kanas Hospitaala magaalaa Naqamtee keessatti du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa magaalaa Naqamtee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namni Mulaatuu jedhamu kun armaan duras godinuma kana bulchaa aanaa Diggaa ta’uun tajaajilaa kan ture yoo ta’u, achittis ilmaan Oromoo dararaa fi aangootti garmalee fayyadamuun saamaa ture.
Lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo ammaa magaalaa Naqamtee keessa socho’an saamicha geggeessuun yeroo hiratanii fi maaliif bakka ani fudhu irraa na jala deebitee fudhatta jechuun miidhaa wal irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.

