Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessaa Amajjii 11, 2025 ergamtoonni sirnichaa nama qaama miidhamaa Obbo Biiniyaam Taaddasaa jedhamu fi haadha warraa isaa Aadde Ayyaantuu Bayyanaa badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii ganda 07’tti hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen, maatii harka qalleessa daa’imman 2 kan guddisan hoggaa ta’an, isaanis jala deemtuu kaabinoota PP kan ta’e nama maqaan isaa Ashabbir Guddataa  jedhamu irraa mana kireeffachuun keessa kan jiraatanii fi badii tokko malee jala deemtuun kun milishoota Bilxiginnaa itti waamuun qabsiisee jiraachuu maddeen himan.

Ashabbir namni jedhamu kun armaan dura Itti Gaafatamaa Dhimma Nageenyaa ganda 04 kan turee fi magaalicha keessattis maqaa qulqullina magaalaa jedhuun ilmaan hiyyeessaa daandii irraa bakka isaan hojii guyyuu itti hojjetanii bulan jalaa diiguun boossisaa kan ture ta’uun ni yaadatama.

Yeroo ammaa kanas, koree ijaarsa Koriidarii ta’uun jiraattota dararaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version