ONM-ABO Adoolessa 19, 2023
Murni faashistii PP loltootni isaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti baay’inaan ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuu irraan kan ka’e uummata naannoo mooraa jiran magaalaa Muggii, Ashii fi Seertumii irratti isintu haala mijeesseefii ergaa jira jechuun miidhaa irraan ga’aa jiru.
Waraanni faashistii kun kaleessa Adoolessa 18, 2023 aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti galgala sa’a 12:30 irraa qabuun magaalaa keessaa reebanii manatti galchanii turan.
Manneen nyaataa fi dhugaatis kan cufsiisan yoo ta’u, sababni isaan uummata goolaniif miseensotni isaanii qawwee fi hidhannoo badaa jiraachuu irraan akka ta’e barameera.
Ilmaan Oromoo miseensa raayyaa ittisa impaayerattii ta’an guyyaatti yoo xiqqaate loltootni sadii mooricha ganuun WBOtti kan makamaa jiran yoo ta’u, warreen achi keessatti hafanis galgala galgala walitti dhukaasaa akka jiran odeessi magaalaa Muggii irraa nu qaqqabe ni addeessa.

