ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Gareen hannaaf of ijaare bilxiginnaan uummata hiyyummaa fi qaala’iinsi jireenyaa rakkisuun jireenyi harkaa afaanii itti ulfaate, maallaqa bu’uura seeraa hin qabne kaffalchiisuun rakkoo itti hammeessaa jiru.
Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti maqaa milishoota eebbisiisnaan abbootii qabeenyaa irraa maallaqa humnaan olii fuudhanii jiru.
Magaalicha keessatti abbaa qabeenyaa tattaaffii xiqqoo qabu jedhamu irraa qarshii 100,000 kan sanaa gadii irraa ammoo akkuma wal caalmaa isaaniitti hanga qarshii 25,000tti irraa fuudhaniiru.
Waraanni faashistii kun guyyaa har’aa milishoota isaan waliin saamicha akka geggeessan kan eebbisiisan yoo ta’u, hanga isaan leenjii irra turanittis uummata magaalattii irraa maallaqa funaananii nyaachisaa turan.
Kana malees haaromsa daandii, uffata milishaa, deggersa mootummaa fi ijaarsa waajjiraa jechuun sababoota adda addaan uummata irraa guyya guyyaan maallaqa guuruun uummatatti jireenya hammeessaa jiraachuu jiraattotni magaalaa Muggii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

