Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti waraanni bilxiginnaa mana qonnaan bulaa tokkoo gubuun, namoota mana yaalaa keessa jiran irraas maallaqa saaman

ONM-ABO Sadaasa 20, 2024 

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti diinummaan inni gochaa jiru kan mootummoota abbaa irree darban caalee argamuun qe’ee Oromoo hunda keessatti imimmaan boochisuun, gadaa aangoo isaa hojii yakkaan dheereffachuuf hojjechaa jira.

Uummata nagaa dheebotee jiru nagaa dhorkee guyya guyyaan yaaddoo jiruu fi jireenyaa guddaa itti uumee kan jiru Bilxiginnaan saamicha qabeenyaa, hidhaa, ajjeechaa fi gubaatii manneen jireenyaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu hammeessee jira.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Waabaa Eebbaatti aantee kan jirtu ganda Biiftuu Bilisummaa jedhamtu keessatti Sadaasa 17, 2024 waraanni nasuu ilmaan Oromootiif hin qabne nama maqaan isaa Obbo Gammachiisaa Karrayyuu Barii jedhamu jalaa midhaan boqqolloo ardaba 4, qullubbii diimaa ardaba 1 fi meeshaalee mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin mana waliin ibiddaan gubanii deeman.

Namoota maqaan isaanii Abbaa Kadiir fi Yusuuf Ibraahim jedhaman ammoo osoo isaan mana yaalaatii qoricha bitachaa jiranii mana yaalaa keessaa waamuun qarshii dhibba afur afur irraa fudhachuu jiraattonni naannoo sanaa ONM’tti himaniiru. 

Akka jiraattonni kun jedhanitti Obbo Gammachiisaan nama jiraattota gandichaa  keessatti jallatamu ta’uu himuun waraanni garee faashistii PP garuu erga mana isaa qabeenyaa waliin gubaniin booda  haadha manaa isaa Aadde Zeenaatuu Abdallaa jedhamtu ilmaan ishee 4 waliin gara ganda Waabaa geessuun dararaa erga turanii daa’ima umurii 10 Jiilee Gammachiisaa jedhamu ammoo fudhatanii deemuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version