ONM-ABO Sadaasa 15, 2023
Tarkaanfii ajjeechaa Waraanni raayyaa ittisa impaaayera itoophiyaa uummata nagaa irratti fudhachaa jiru haala yaaddessaa ta’een itti fufuun, Qellem wallaggaa keessatti humni waraanaa guddaan WBO sakatta’uuf bobba’e magaalaa muggii dabalatee gandoota baadiyyaa garaa garaa keessatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jira.
Haaluma kanaanis Dheengadda jechuun Sadaasa 13, 2023 aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti loltootni bilxiginnaa dargaggeessa bakki dhaloota isaa fi eessaa akka qabame hin beekamne kan maqaan isaa Dingataa Solomoon jedhamu harka isaa duubatti hidhanii magaalicha seensisuun waajjira Poolisii magaalaa Muggii fuula duratti rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattotni himan.
Ajjeechaan aanaa anfilloo keessatti gaggeeffamaa jiru kun ittuma fufuun Sadaasa 13, 2023 dargaggeessa Dabalaa jedhamu Waraanni PP ganda Daallee Kollii keessaa itti dhukaasanii miilla rukutuun erga harkaan qabaniin booda mana maatii isaatii duratti geessuun rasaasaan tumanii haala suukanneessaan ajjeesuu jiraattotni miira gaddaan dubbatan.
Kaleessa Sadaasa 14, 2023 achuma aanaa anfilloo ganda Yaadannoo Yattii Jedhamtu keessatti dargaggoon Iyyoob jedhamu loltoota PP’n bifuma walfakkaataan rasaasaam rukutamee ajjeefamuu kan himan jiraattotni, dargaggootni gara jabeenya loltoota sirnichaan ajjeefaman kunneen balleessaa fi yakka tokkollee kan hin qabne ta’uus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

