ONM-ABO Sadaasa 29, 2023
Hammeenyi uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kan qixxee hin qabne yoo ta’u, uummata Oromoo karaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan cabsanii bituuf jecha kaadirootni PP tooftaa abboota isaanii warreen Impaayera Itoophiyaa ijaaruuf dhama’aa turan irraa dhaalaniin ajjeechaa Oromiyaa Keessatti labsuun qeerroo fi qarree dabalatee lubbuu lammiilee nagaa baasaa jiru.
Bifuma kanaanis Sadaasa 27, 2023 gochi gara jabeenyaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii ijaarii Keessatti dargaggoota lama kan maqaan isaanii Taarikuu Ayyaanaa fi Eebbisaa Mitikkuu jedhaman irratti waraana maafi’aa PPn raawwate kan baay’ee nama suukanneessuu fi bilxiginnaan ifaaf ifatti ilmaan Oromoo fixuu irratti akka xiyyeeffate mul’isa Jedhu jiraattotni.
Gocha kanaanis humni waraana impaayerattii ganamaan magaalaa Muggii irraa bobba’aan dhukaasa Dargaggoo Taarikuu Ayyaanaa fi Eebbisaa Mitikkuu irratti qe’ee isaanii iddoo addaa Daachaa jedhamtutti bananiin dargaggoo Taarikuu Ayyaanaa rasaasaan bakka shan rukutamee fiigee harkaa ba’uun bakka biraatti kufee yoo du’u, Dargaggoo Eebbisaa Mitikkuu ammoo harkaan qabuun magaalaa Muggii geessanii akka ajjeesan jiraattonni dubbatu.

