ONM-ABO Sadaasa 17, 2023
Ajjeechaa fi gubaatii akkasuma hidhaan uummata Oromoo irratti raawwatamu akka waan waraana bilisummaa Oromoo qabsoo isaa irraa duubatti deebisuutti fudhatanii namoota nagaa dararuuf kan bobba’aan kaabinoonnii fi waraanni murna bilxiginnaa, Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gochoota uummata miidhanii fi jireenya isaatti gufuu ta’aan guyyuu hojii idilee isaanii godhachuun xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.
Ajjeechaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti namoota nagaa irratti xiyyeeffatamuun hojjatamaa jiru kanaan Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Goomii jedhamtu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Sadaasa 16, 2023 nama nagaa hojii qonnaan ofii fi maatii isaa jiraachisu kan maqaan isaa Iyyoobee Hangaasuu jedhamu badii tokko malee ija maatii isaa duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni bakkichaa dubbatu.
Akkasuma guyyuma sana manneen namoota nagaa mi’a mana keessaa dabalatee obboo Gammadaa Andashaa fi Michuu jedhamu jalaa gubanii barbadeessuu jiraattotni bakkichaa himu.
Jidduu kana qofa erga maqaan araaraa ka’ee kaasee lixa Oromiyaa, Giddugaleessa Oromiyaa fi Arsii keessatti lubbuun namoota hedduu darbaa jiraachuu fi manneen hedduunis gubachaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

