Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Impaayera Itoophiyaa Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo fi Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo keessatti namoota nagaa ajjeesan

ONM-ABO Sadaasa 24, 2023

Bilxiginnaan maqaa marii araaraa jedhuun daldalee qabsoo Bilisummaa Oromoo gufachiisuuf karoora wixinatetti milkaa’uu dadhabuun, miira mufii fi ijaa baafannaatiin duula ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwachuuf tuuta waraanaa golee Oromiyaa hedduu keessatti bobbaasaa jiruun lubbuun lammiilee nagaa harca’aa jira.

Haaluma kanaanis, Sadaasa 22, 2023 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Waabaa Eebbaa bakka addaa Biiftuu Bilisummaa jedhamtu keessatti abbaan maatii maqaan isaa Olee jedhamu ooyiruu qonnaa isaa keessatti loltoota bilxiginnaan maqaa sakattaa WBO jechuun bobbaaseen rasaasaan rukutamee ajjeefamuun beekame.

Namni nagaan loltoota raayyaa ittisa impaayerattiin ajjeefame kun hojii qonnaatti bobba’uun ofiif maatii isaa kan jiraachisu akkasumas abbaa daa’ima tokkoo yoo ta’u, nama hirmaannaa siyaasaa keessaa Qooda hin qabne, nama naamusa isaan hawaasa isaa biratti jaalala guddaa qabu ta’uu jiraattotni himan.

Oduudhuma ajjeechaatiin, aanaa Gullisoo ganda Sankii Daannoo jedhamtu keessatti Kibxata darbe Sadaasa 21, 2023 namni Girmaa Kuusaa jedhamu yakka tokko malee Ilma Oromoo ta’uu isaa qofaaf cubbamuun ergamtoota PP ilma namaaf naasuu hin qabneen rasaasaan dha’amee ajjeefamuu maddeen ona Gullisoo himan.

Exit mobile version