Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo fi Anfilloo keessatti jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu fi saamichi jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 13, 2024 

Bifuma kanaan Aanaa Sayyoo irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsuu itti fufanii kan jiran yoo ta’u, ganda Ifa Galaanoo jedhamu irraa Sadaasa 10, 2024 namootni maqaan isaanii:

  1. Damee Tarfaa,
  2. Lalisaa Yoonaas,
  3. Biqilaa Abdiisaa,
  4. Lataa Takkaa,
  5. Abiree Balaachoo,
  6. Gammachuu Yaadataa,
  7. Gaaddisaa Sintaayyoo fi kanneen biroo hedduu ta’an mana amantaa irraa leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Sirni saamichaaf waraana isaa uummata nagaatti bobaasee jiru bilxiginnaan saamicha qabeenyaatii hanga ajjeechaatti mirgi kennameefii waan jiru fakkaatuun uummata nagaa irratti saamicha qabeenyaa raawwatan jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan aanaa Anfilloo ganda Seertumii iddoo addaa Deewwaa jedhamu irraa Sadaasa 11, 2024 nama maqaan isaa Obbo Bojaa Nuuree jedhamu jalaa barii barraaqaan qe’ee isaatti itti marsuun sangaa lamaa fi harroota lama jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Qabeenyaa Obbo Bojaa jalaa saaman kanas gara magaalaa Seertumitti  fudhatanii akka deeman dubbachuun, gochi loltoota sirnichaan nama nagaa siyaasa irraa bilisa ta’e irratti raawwatame kun hawaasa gandichaan balaaleeffatamuun egereen isaaniis yaaddessaa akka ta’e dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version