Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo fi Anfilloo bakkeewwan adda addaatti jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun akkaan cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Murni dhiiga ol adeemaa ilmaan hiyyeessaan teessuma siyaasaa ofii tikfatu Bilxiginnaan ammas hawwii isaa galmaan ga’uuf goleewwan Oromiyaa cufa keessaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun ilmaan Oromoo fedhii isaanii malee ukkaamsee leenjii ga’aa tokko malee bobbaasuun labooba ibiddaa boba’ee hin dhaamneef kaadhimuu itti fufee jira.

 Haaluma kanaan Aanaa Sayyoo ganda Aannoo Mikaa’elii fi ganda Miinkoo jedhaman keessaa Sadaasa 12, 2024 irraa eegaluun loltoonni maafiyaa PP uummata nagaa hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun jiraatan fedhii isaanii malee abbootiin warraa osoo hin hafne gara leenjii milishummaatti akkasumas dargaggoota kanneen ta’an ammoo gara leenjii raayyaa ittisa impaayerattiitti guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Seera idil addunyaa cabsuun kan hojjetu Bilxiginnaan humnaan qabee gara waraanummaatti geessuu itti fufuun godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yattii Qoonqii fi magaalaa Seertumii keessaa kaleessa Sadaasa 15, 2024 dargaggootaa fi abbootii warraa hedduu qabanii gara mooraa leenjiitti fe’uun barameera.

Exit mobile version