Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Cufaa jedhamu keessaa torban darbe irraa eegaluun jiraattota hedduu fedhii isaanii malee leenjii waraanaaf ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u, namoota hin dandeenyu jedhanii mormanis “isin hidhata Waranaa Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun badii tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dabalataanis, gandicha keessatti kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen saamichi ulfaataan hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatus haala duraan barameen olitti hammaatee jiraachuu jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa keessaa fi alaan laboobni ibiddaa boba’ee hin dhaamne itti qabachuuf adeemaa jiru irraa baraaruuf, ergamtoonni Bilxiginnaa tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin fedhii isaanii malee jumlaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu itti fufanii kan jiran yoo ta’u, gama biraan ammoo akka waraanni isaanii jabaa ta’etti humna waraanaa Itiyoophiyaa madaalu ijaarree jirra jechuun lafa duwwaatti Biraanuu Juulaa dabalatee qondaaltotni waraana Bilxiginnaa biroon yeroo dhaadatan ni dhaga’ama.

Exit mobile version