Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Nooleetti ergamtoonni sirnichaa jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Botootessa 21, 2025

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa keessaaf alaan laboobni ibiddaa boba’ee hin dhaamne itti qabachuuf adeemaa jiru irraa baraaruuf, ergamtoonni Bilxiginnaa tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti ilmaan Oromoo saalaa fi umriin osoo adda hin qoodin fedhii isaanii malee jumlaan ukkaamsanii mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Samarroo keessatti torban darbe irraa eegaluun ergamtoonni sirnichaa gara qe’ee fi bakka hojii idilee hawaasaatti bobba’uun, namuma argatan hunda dirqamaan qabanii gara mooraa leenjiitti geessaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Sababuma kanaanis, gandicha keessaa namoonni leenjii kana didan hidhaatti guuramaa kan jiranii fi gariin ammoo qe’ee fi qabeenya irraa baqachaa jiraachuunis eeramee jira.

Dabalataanis, guutummaa aanichaa keessatti saamichi gosa garaa garaa kaffaltii naga’ee hin qabneen hawaasa harka qalleeyyii irratti raawwatu kan duraan barameen olitti hammaatee jiraachuus jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version