Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Hoomaa keessatti loltoonni abbaa irree Abiy Ahimed jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu haalaan hammeessan

ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Hoomaa ganda 01 keessaa Bitootessa 27, 2025 ganama sa’a 12:00’tti ergamtoonni sirnichaa maqaa leenjii milishummaa leenjitu jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Ayyalaa Guutaa,
  2. Abbabee Buusaa,
  3. Fiqaaduu Bokonjaa,
  4. Bashuraa Hayiluu fi 

kanneen biroo hedduu ta’an humnaan ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kanumaan wal qabatee, wayita ammaa aanicha bakkeewwan addaa addaa irraa namoonni leenjii kana didan hidhaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, gariin ammoo qe’ee fi qabeenyaa irraa baqachaa jiraachuunis eeramee jira.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti laboobni ibiddaa boba’ee hin dhaamne itti qabatee jiru irraa baraaruuf, ergamtoonni Bilxiginnaa tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin fedhii isaanii malee jumlaan ukkaamsanii mooraa leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version