Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa keessatti namoota jumlaan hidhaa fi leenjii miliishummaaf guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 26, 2024

Hidhaa jumlaa, leenjii miliishummaa fi waraanummaa maqaa jedhuun godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti hawaasni dirqamaan guuramuun itti fufee jira.

Haaluma kanaanis Bitootessa 24, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa gandoota baadiyyaa fi bulchiinsa magaalaa irraa namoota umriin isaanii sadarkaa daa’imummaa irraa kaasee hanga maanguddootaatti jiran waraanni faashistii PP leenjii milishummaa fi waraanummaa isiniif laanna jechuun dirqamaan guuraa turuun barame.

Oduu hidhaa fi saamichaan wal-qabatuun ammoo onuma Hoomaa ganda Haaxxoosii fi bulchiinsa magaalaa Hoomaa keessaa namoota maqaan isaanii: Darajjee Fayyisaa, Maammoo Imaanaa, Fiqiruu Bulaa, Mitikkuu Imaanaa fi Geetaachoo Tasfaa jedhaman dabalatee namoota danuu qabanii hidhuun hiraarsaa akka jiranis beekameera.

Dabalataanis saamichi qabeenyaa jiraattotaa irratti raawwatamaa jiraachuu kan dubbatan maddeen, hawaasni maqaa gibiraa fi kaffaltii inshuraansii fayyaatiinis dararamaa akka jiru dabaluun himaniiru.

Exit mobile version